Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Oromiyaa, Ambootti Barri haaraa fi guyyaan WBO haala milkii qabeessan kabajame.

(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 29,2009) University, Kolleejjii fi magaalaa Amboo bakka adda addaatti qabsaawotii fi barattooti Oromoo walitti dhufuun ayyaana guyyaa WBO fi bara haaraa  Amajjii 1,2009 sirna howwaan kabajachuu isaanii MOA Amboo irraa gabaasa.

Sirna ayyaana kana irraatti beektotii fi gameessonni Oromoo irratti argamuun haala qabsoo bilisummaa Oromoo irratti marii jajjaboo erga godhaniin booda bara 2009 keessa akkaataa itti waadaa kaayyoo ABOf qaban haaromsanii hanga Oromoiyaan bilisa taatutti karaa itti qabsoo Oromoo ABOn gaggeeffamu tinnisan irratti haasawuun murtii dabarfatanii jiru. Kana irratti dabalee ejjetnoo isaanii sagalee tokkoon dabarfatan keessatti, tufamtooti hawaasaa fi kanneen qabsoo Oromoo diiguuf diina waliin ABOtti aggaamatan irratti sabi Oromoo bakka hundaa itti duulee of keessaa akka qulqulleessu yaamicha dabarsanii jiru. Kana malees beekaas tahe osoo hin beekiin duuka buutota murna shiraa waliin deemaniif akka mooraa qabsootti daddaffiin deebi'anii qabsoo Oromoo ABOn gaggeefamutti makamaniif yaamicha dabarsan.

Ayyaanna guyyaa WBO fi amajjii 1,2009 Amboo fi naannoolee magaalaa Ambootti kabajame kana irratti seenaan gooticha Oromoo Jaal Laggasaa Wagii dubbifamee jira.Qabsaawotii fi sabbontotis gumaa Jaal Laggaasaa bahuu fi qabsoo inni dhalootatti dabarsee wareega kafale akka bakkaan gahan waadaa galuu isaanii MOAn gabaasa.

Gama biraan university Amboo keessatti sabbontota Oromoo barattoota tahan badii tokko malee jaleen Wayyaanee OPDOn guyyaa irraa guyyaatti doorsisaa jiraachuun gabaafame.Oromoota mooraa University Amboo keessatti guyyaa irraa guyyaatti milishootaan yamamanii doorsisaa fi akeekkachiisa jala jiraachaa kanneen jiranii fi birruu diinaan mooraa galanii bahuu soda jala jiran keessaa hangi tokko

  1. Ayyaansaa Hundee
  2. Gaashahun Taayyee
  3. Birmadummaa
  4. Alamuu kaasaa
  5. Abbabaa  
    Kanneen jedhaman keessatti argamuu MOA gabaasa.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net